President's Message

President's photo
Contact
Name: Feyera Dinsa (Ph.D)
+251-911235189‬
president@slu.edu.et
+251-111355637
P.O. Box: 245
Administration Building 3rd floor Room 3

Feyera Dinsa (Ph.D)

Salale University President

Welcome to Salale University’s (SlU) Official Website,It is my great honor to serve as the President of Salale University, and I am deeply inspired to work alongside the dedicated and enthusiastic staff of our institution. I firmly believe that education is the most powerful tool to drive national progress and improve lives in all dimensions. It serves as the foundation for all forms of advancement, achievable only when access and equity are ensured.

With this vision, and guided by our motto, "Co-Creating Quality," Salale University was established in 2015 in Fiche town, North Showa Zone, Oromia Region, located 112 kilometers from Addis Ababa. Since its inception, SlU has been steadfastly committed to its three core missions: education, research, and community service. The University began its academic journey with nine undergraduate programs. Today, it offers more than thirty undergraduate programs, and we have finalized preparations to launch postgraduate programs in various fields by 2020. Our region, North Showa, widely known as "Salale" for historical reasons, is uniquely positioned, bordered by two major tributaries of the Nile River—Mogor and Jama—as well as the Nile itself. This area has attracted significant attention from researchers and academics due to its potential mineral resources.

Read More...
News Detail

Tajaajilli Seeraa Bilisaa Yuunivarsiitii Salaalee Haqa Lammiilee Mirkaneessuu Keessatti Shoora Olaanaa Bahachaa Jira.

News Image

Tajaajilli Seeraa Bilisaa Yuunivarsiitii Salaalee Haqa Lammiilee Mirkaneessuu Keessatti Shoora Olaanaa Bahachaa Jira.

Manni Barumsaa Seeraa Yuunivarsiitii Salaalee aanaalee garaagaraa keessatti wiirtuulee tajaajila seeraa bilisaa hundeessuun, qaamoleen hawaasaa dhuunfaadhaan Abukaatoo dhaabbachuu hindandeenye mirga haqa argachuusaanii mirkaneessuuf tajaajila seeraa bilisaan kennaa jira.

Tajaajilli kunis, hawaasni sababa rakkoo diinagdee fi hanqina hubannoo seeraatiin haqni isaanii akka hindabne gochuu keessatti gahee olaanaa gumaachaa jira.

Jiraattonni Aanaalee Giraar Jaarsoo fi D/Libaanos tajaajila kanaan fayyadaman yaada kennaniin; kanaan dura rakkoo dinagdee fi hanqina hubannoo seeraatiin kan ka'e mirga isaanii kabachiisuuf rakkachaa turuu eerun;tajaajilli barreeffamaa fi abukaattummaa Yuunivarsiitichi bilisaan isaaniif kenne yeroo dhiphuu isaaniitti akka furmaataatti kan isaaniif dhaqqabe ta’uu dubbataniiru.

Dhimmicharratti yaada kan kennan Pireezidaantii Mana Murtii Aanaa Giraar Jaarsoo Obbo Tasfaayee Taayyee fi Pireezidaantii Mana Murtii Aanaa Dabra-Libaanos Obbo Tasfaayee Birhaanuu gahee yunivarsiitichi qaamolee hawaasaa saaxilamoo ta’aniif qaqqabummaa haqaa babal’isuu keessatti bahachaa jiruuf galateeffataniiru.

Hoggantoonni kunneen akka jedhanitti, hawaasni tajaajila haqaa barbaacha yeroo gara mana murtii dhufanitti, sababa hanqina hubannoo dhimma seeraa fi kaffaltii tajaajila abukaattummaa dhabuutiin haqni isaanii akka hin dabneef, wiirtuuleen kunniin gorsa irraa hanga abukaattummaatti tajaajila bilisaa kennuun bu’aa guddaa fidaa jira jedhaniiru.

Yuunivarsiitiin Salaalee wiirtuulee tajaajila seeraa bilisaa kanaan kutaa hawaasaa kanneen akka dubartootaa, daa'immanii, miidhamtoota qaamaa fayyadamoo taasisuu isaas dubbatanii jiru.

Qooda fudhattoonni jalqabbii kana deeggaruu fi itti fufsiisuuf kutannoo qabanis irra deebi’uun mirkaneessaniiru.

Kan gabaase:- Urgee Gammachuu

Og/kaameeraa:- Muluqan Taaffasaa

Odeeffannoowwan keenya argachuuf filannoowwan midiyaa hawaasaa armaan gadiitiin nu hordofaa :-
Website: https://slu.edu.et
YouTube: https://youtube.com/@salaleuniversity5385
X (Twitter): https://x.com/SalaleUniversi1
Telegram channel: https://t.me/salaleuniversitytchannel

Back to list
<